ABUT Geetaachoo Raddaa Dabalatee Miseensota Koree Giddu Galaa 16 Ari'e

  • VOA

FAAYILII - Yaa'ii Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT)

Ji’a darbe keessa yaa’ii waliigalaa marsaa 14ffaa kan taasisee ture Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) miseensota koree giddu galaa 16 partiicha keesaa ari'uu beeksise.

ABUT inni Doktoor Debretsiyoon Gebremikaa’eliin hogganamu Wiixata kaleessaa Fulbaana 6 bara 2017 ibsa baaseen Prezidaantii Yeroo Bulchiinsa Naannoo Tigraay, Obboo Geetaachoo Raddaa, dabalatee miseensota koree giddu galaa 16 miseensumaa Paartichaa keessaa ari'e kana hojii siyaasaa kamuu irratti akka hin hirmaanne uguruu beeksise. Namoottan miseensummaa keessaa ari'aman fi yeroo amma bulchiinsa naannichaa keessa hojjachaa jiran keessaa Obboo Beyyenee Mekiruu, Obboo Redi'aayi Halefoom fi Proofeeser Kindeyaa Gebrehiywoot akka keessa jiran ibsameera.

Itti Gaafatamaan Biiroo Kominikeshinii Bulchiinsa Naannoo Tigraay, Obboo Redi'aayi Halefoom gareen yaa’ii seeraan alaa taasise murtoon dabarse fudhatama akka hin qabnee ibsaniiru.

Walgahii ABUT Boordiin Filannoo biyyaalesaa akka fudhatama hin qabne beeksise kanaan Itti anaa Paartichaa ta’anii kan filataman Obboo Amaanu’el Asaffaa ibsii gareen isaanii kaleessa baase maqaa namoottan ari'amani tareesuu alatti murtoo yaa’ii isaanii irratti daree ala waan haaraa akka hin taane ibsaniiru.

Fulbaana 3 bara 2017 Finfinnee keessatti ibsa kan kennan Gaanfa Afrikaatti Jillii Addaa Mootummaa Yunaaytid Isteets, Maayik Hammer, hoggantoonni ABUT waldhabdee siyaasaa giduu isaanii jiru akka mariidhaan hiikan hubachiisuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.