Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa lakkoobsi namoota qe’ee ofii dhiisanii deemuuf dirqamanii walakkeessa waggaa kanaa gara miliyoona 84tti ol guddachuu isaa beeksisee jira.
Lakkoobsi kun ol ka’uun keessumaa sababaa walitti bu’iinsa Afriikaa keessa jiruu irraan kan ka’e ta’uu ibsee jira. Komiishinerri dhimma baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa kamisa har’aa akka ibsanitti, lakkoobsi namoota qe’ee ofii irraa buqqa’anii xumura bara 2020tti gara miliyoona 82.4tti ol guddatee ture jedhan.
- SHORORKAA TIGRAAY KEESSAA
- Naannoo Amaaraa Keessa Buqqaatonni Jiran Deggersa Ga’aa Argataa Hin Jirru Jedhu Walakkeessa waggaatti namoonni baqattummaan ramadaman lakkoobsi isaanii miliyoona 20.8 ol kan ture ta’uu gabaasichi beeksiseera. Kunis kan xumura waggaa darbe waliin wal bira qabamee ennaa ilaalamu 172,000n dabalee jira. Lakkoobsi namoota dadhata siyaasaa gaafatan illee miliyoona 4.4 ga’ee jira.
- Kanneen Oromiyaa fi Beenishaangul Irraa Buqqa’an Walloo Kibbaa Dhaqqabuun Gabaasame