Addunyaa Irratti Bunni Ajaa'ibsiifamaan Afrikaa Irraa Madda

Bunni addunyaa irratti beekamaa ta'e Afrikaadhaa dhufe.Biyoonni Afrikaa tokko tokko carraa daldalaa gama kanaan jiruun fayyadamu.Namnii kamiyyuu kan dhama bunaa beeku daldalli Bunaa murtaa'aa akka hintaane hubata.

Waashingiton keessatti ganama ganama manneen bunaa tajaajila bal'aa kennu.Maamiloonillee bunuma argan hinbitan.Kan bitan buna addaati.Bunni kunillee gatiin isaa qaali yoo ta'u hundeen dhaloota isaallee Itoophiyaadha.

Waggoottan lamaan dabran keessa daldalli bunaa gabaa biyya alaa irratti guddachaa jira.Kan sadarkaa qulqulina isaa eeggatelle kaampaanif dhihaachaa jira.Buna kana fiduun hagas mara salphaa illee miti.Bunnii Aggaarodhaa buufata Baaltimooriin United States seen.