Afriikaa kibbaa keessatti jeequmsii fi saamichi har’as kan itti fufe yoo ta’u, hiriirtonni mormii poolisoota waliin walitti bu’uu isaaniin lakkoobsi namoota du’anii yoo xiqqate 30 ga’ee jira.
Hookkarri kun torban darbe kan ka’e, prezidaantiin duraanii Jaakoob Zuumaa mana murtii tuffattan jedhamuu dhaan hidhaan baatilee 15 erga itti muramee booda.
Waggoota dheeraa as biyyattii keessatti jeeqama ka’een, kanneen saamicha raawwatan, magaalaa guddittii Joohaansbergiin dabalate konyaa Gauteeng keessa kan jiru galma gabaa, suuqilee fi waaltaalee daldalaa mancaasan. Humnoonni nagaa eegsisan saamichaa fi halleellaa kana ittisuu an hin dandeenye fakkaatu. Itti dabalees bakka dhaloota Zuumaa, konyaa KuwaaZuuluu-Natal fi Sowetoo keessattis haalli wal fakkaatu uumamee jira. Suumaan mana murtii
Zuumaan bara 2018 kan xumurame ennaa prezidaantummaa isaanii yakka malaamaltummaa irratti dhiyaateef qorannaa mootummaan deggerame akka geggeessamu ajaja mana murtii darbe didan jedhamuun himataman.
Ministeerri Poolisii Beekii Cele tuuta oduuf akka ibsanitti namoonni 757 to’annaa jala ooluu isaanii fi mootummaa keenya dimokraatawaa irratti qoosuun kan hin eeyamamne ta’uu akeekkachiisna jedhan.
Abukaatoleen Zuumaa mana murtii heeraa Afriikaa kibbaa duratti dhiyaachuun kaleessa akka falmanitti, Zuumaan murtiin adabaa irraa ka’uu qaba jedhan. Aboonni murtiis falmiin jiru akka qoratamu ibsuu dhaan murtii isaanii yeroo itti aanu an beeksisan ta’uu ibsaniiru.