Manii murti Afrikaa kibbaa obbolaa lakkuu lama warren dirqamaa garee Islaamik isteet jedhuu irraa fudhatanii Embaasii Yunaayitid Isteets irrati haleellaa rawwachuuf karoorfatanii turan jedhaman irratti adabbii hidhaa murteesseera.
Obbolaan lakkuun Tony- Lee Thulsie fi Branden -Lee Thulsie dargagootaa wagaa 28 yemuu ta’an hidhaan wagga 11 fi wagga 8 irrati mutraa’eera.
Obbolaan lakkun lamman Adoolessa 2016 kaasee mana hidhaa keessa kan turan yemuu ta’u diplomaatota Yunaayitid Isteets, Biritaaniyaa, Raashaa fi Fraans magaalaa Pritooriyaa keessatti argamanuufi rakaalee Juush irratti haleellaa raawwatanii gara sooriyaa deemuudhaan IS makamuudhaaf karoora baafachuu isaanii ibsuudhaan abban alangaa kan isaan himate.