Ajjeefamuu Abbaa Gadaa Kadir Hawaas Boruu

Oromiyaa naannoo Karraayyuu

Bulchiinsa naanoo oromiyaa, godina Shawaa bahaa ,aanaa Fantaallee keessatti Abbaa Gadaa ka ta’an Kadiir Hawaas Boruu ajjeefamanii jiran. Obboleettiin isaanii Aadde Warqee Hawaas Boruu, Abbaa Gadaa Kadiir utuu sirna Gadaaf waayillan isaanii waliin jiranii fuudhamanii akka ajjeefaman dubbatanii jiran.

Akkasumas jiraattonni Aanaa fantaallee VOAn haasofsiise ajjeechaa kanaaf humnoota naga kabachiiftota mootummaa yemmuu himatan mootummaan gamaa isaatiin hidhattootaa warreen Shanee jechuuni waamutu ajjeese jechuun ibsa baasee jira.

Galmoo Daawititu adaamaa irraa gabaase.

Your browser doesn’t support HTML5

Ajjeefamuu Abbaa Gadaa Kadir Hawaas Boruu