Murannoo Qabaannaan Umuriin Hojitti Akka Hin Bobbaane Nama Hin Daangessu: Dr. Alemtsehaay Tesfaa Gammadaa, Investera Lammii Oromoo

  • Tuujubee Horaa

Dr. Alemtsehaay Tesfaa Gammadaa, Investera Lammii Oromoo

Dr. Alemtsehay Tesfa Gammadaa waggoota dheeraaf biyya Fiinlaand jiraataa erga turanii booda biyyatti deebi’uu dhaan hawaasa isaaniif gumaachaa jiru. Biyya Fiinlaand Yuniversitii Helsinkii jedhamu keessaa waggootga 22f kan barsiisan yoo ta’u umuriin isaanii waggaa 70.

Your browser doesn’t support HTML5

Murannoo Qabaannaan Umuriin Hojitti Akka Hin Bobbaane Nama Hin Daangessu: Dr. Alemtsehaay Tesfaa Gammadaa, Investera Lammii Oromoo

Investera muuxannoo qabanii fi dhimmi beeladaalee irratti qorannaa hedduu kan geggeessan hayyukun yeroo ammaa Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti warshaa aannanii hundeessanii jiran. Beeladaalee ofii isaanii kan oomishan Dr. Alemtseyaan, yeroo ammaa guyyaatti aannan litira 100 uummata magaalattiif kan raabsan ta’uu dubbataniiru.

Ennaa warshaan isaanii guutummaan hojii jalqabu guyyaatti hanga annan liitira kuma shanii dhiyeessuu kan danda’an ta’uu illee nuuf ibsaniiru. Daragaggoota akkasumas ogeessotaaf carraa hojii argamsiisuu kan danda’u warshaan kun yeroo ammaa guutummaan hojii jalqabuuf eeyama mootummaa biraa eeggataa jira jedhan Dr. Alemtsehaay.