Ambaasadder Taayyee Atseqasilaasee Pireezidaantii Itoophiyaa Ta'uun Filaman

  • VOA

FAAYILII - Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa amma pireezdaantii biyyatti ta'uun filaman, Ambaasadder Taayyee Atseqasilaasee.

Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa wiixata har’aa muudama Pireezidaantii biyyattii haaraa raggaasiseen ministira haajaa alaa biyyattii kan Turan Ambaasaddar Taayyee Atsiqesillaasee Pireezidaantii tasiseera. Pireezidaantiin haaraan kun , pireezidaantii biyyattii duraanii waggoota ja’aaf aangoorra turan Saahilewarqi Zoodee bakka kan bu’anidha. Pireezidaantiin amma Aangoorraa kaafaman Sahilewarqi Zoodee Sanbata dabarsine kana fuula miidiyaa hawwaasaa isaanii “X’ irratti barreeffama maxxansaniin walaloo weellisaa Mahaammud Ahimadiinn “deebiin koo callisudha” jedhaniin ijoo dubbii ta’ee ture har’a ya’ii mana maree lamanii kan mana maree Federeeshinii fi mana maree bakka bu’oota uummataa irratti dhiyyachuun aangoo Pireezidaantii haaraa ammaaf dabarsaniiru.

Pireezidaantiin Haaraan amma muudaman mana maree lamaaniif haasaa dhageessisan keessatti yeroo itti aanutti haala nageenyaa biyyatti keessa jiruun mootummaan karaa nagaa qaama kam waliiniyyuu marii taasisuuf qophiidha jedhanii , kanaan ala fedhii siyaasaa guuttachuuf kanneen humna fayyadamaniif garaa bal’achuun mootummaa dhiphachaa dhufeeras jedhaniiru. Kana malees karoora mootummaa gama hawwaasummaa, diinagdee, Siyaasaa fi kanneen biroo bara bajaataa kana keessatti hojjetaman dubbii isaanii keessatti bal’inaan kaasaniiru.