AMBOO —
Weerara Vaayirasii Kooroonaa dursanii ittisuuf dargaggoonni magaalaa Amboo bakka garaa garaatti hawaasa harka dhiqachiisuu dabalee tajaajila adda addaa gochaa jiran.
“Dhibee addunyaa rifaasisee fi lubbuu namoota hedduu galaafate kana dursanii ittisuuf qindoominan hojjataa jirra' jedhu - itti gaafatamtuun Waajjira Eegumsa Fayyaa magaalaa Amboo, Siistar Dabaltuu Guddataa.
Hospitaalli Riifaraalaa Yunivarsiitii Amboo gama isaan giddu-gala itti namoonni mallattoo Kooroonaa agarsiisan qoramanii fi adda-baasamanii tursiisaman qopheessuu isaa dubbata.
Gabaasaa guutuu caqasaa.
Your browser doesn’t support HTML5