Ameerikaan Sibiila Alaa Galu Irra Taarifa Kaa’uuf Jirti

Bulchiinsi Traamp sibiilaa fi aluminiyemii gamtaa Awrooppaa, Canadaa fi Mexico irraa galu irra taarifa kan kaa’au ta’uu beeksise.

Ministeerri dhimma daldalaa Wilbur Ross kana kan beeksisan kamisa har’aa yoo ta’u taarifi sibiila irra ka’aamu dhibba irraa harki 25, aluminiujm gamtaa Awrooppaa, Canada fi Mexico irraa galu irra immoo dhibba irraa harki 10. Kunis harka walakkeessa halkanii qabee hojii irra oola jedhan. Mariin gamtaa Awrooppaa waliin geggeessame fooya’ina gaarii argamsiisuus taarifi sun akka hin kaa’amneef garuu ga’aa miti jedhaniiru.