Itiyoopiyaan Gargaarsa Dabalataa Argatte

Yunaaytid Isteetis nyaata madaalawaa bituu fi rakkoo caamaa salphisuuf ka gargaaru Doolaara Miliyoona dhibba tokkoo fi miliyoona digdamii-toorba dabalataan Itiyoopiyaaf kennuuf labsitee jirti. PETER HAN-LAAYIN, FINFINNEE irraa akka gabaasetti Hoogganaa Dhaabbata Misooma Sadarkaa Addunyaa, kan Yunaayitid Istaatis ka USAID RAAJIV SHAA tu, naannoo Gaanfa Afrikaa caamaan dhawame keessaa bakka lama ennaa daawwatan kana beeksise.

Marsaa Caamaa fi hanqina nyaata madaalaaa, otuu wal irraa hin citiin AFRIKAA BAHAA keessatti, lubbuu kumootaan lakkaawamu miidhaa jiru karaa itti cabsuun danda’amu irratti mari’achuuf Muummicha ministaraa Itiyoopiyaa MELLES ZEENAAWII wajjiin walga’anii turan Hoogganichi USAIDRAAJIV SHAA. Doolaara Miliyoona dhibba tokkoo fi miliyoona kudhan, kan uummata Itiyoopiyaa miliyoona tokkoo fi kuma dhibba shaniif wabii nyaataa bituu dandeessisu dabalee Gargaarsa gosa sadiin gara sana deeman.

Uummata Gaanfa Afrikaa Miliyoona kudha-lamaa fi kuma dhibba shan hanqina nyaataan gidiramaa jiru keessaa irra-jireessii kan Itiyoopiyaa ti.