Diqqeennaan ijoollee uumachuu kanaan ‘Sunsuma Sadeen’ jenna aadaa teennatti. Sunsumii Sadeen yoo abbaa,haadhaa fi daahimilleen guddatanii wal dhaqqaban.
Bara 2015 keessaa Amerikaatti haawwan miliyoona sadii fi kuma 98 tahanitti ijoollee uumate.Nama kuma 1000 keessaa haawwan harka 62.5 ijoollee dahaa jechuu
Akkii durii kaan ijoolleen dubraa fi dhiiraalleen daahimummaan ijoollee uumachuu dhiisaa dhufuutti jiran.
Diqqeennaan ijoollee uumachuu dhabuun akka bulchiinsii Amerikaa jedhutti akka maatiin jabaattee gadi dhaabattu tolchi.
Akka amma jirutti haawwan ganna 30-40 keessa jiranitti ijoollee uumachaa dhufuutti jira.
Akka gabaasii dhaaba Tohannoo Dhukkuba Daddabraa Amerikaa CDC jedhutti ijoolleen ganna 15-19 amma harka 8 ijoolumaan ijoollee dahuu lakksian.
Bara 1991 asitti ijoollumaan diqqeennaanuu ijoollee dhaluun harka 64 gadi buute.
Haawwaan ganna 20-24 haga durii ijoollee uumatan harka sadii gadi ijoollee dahan.Jarii kun ganna 10 asittuu ijoollee dahuu diqqeeffachaa dhufuutti jira.
Haawwan ganna 25-29 ammoo harka tokkoon gadiin ijoollee uumachuu dhiisan.Haawwan ganna 30 keessa jiran ammoo ganna shan walti aanan harka guddaan ijoollee uumachaa dhufuutti jiran.
Haawwan ganna 40-44 ammoo harka afuriin ijoollee uumatan.Amerikaa keessaa ammoo godina Filooriidaa fi Delaaweer keesastti namii ijoollee uumachuun dura jira.
Adoo tana jennuu maqaan ijoollee Amerikaa name yoo hedduu dhiiraaf bara dabre keessa baasan akka bulchiinsa ummata Amerikaatti; Noah, Liam, Mason, Jacob fi William.Dubraaf ammoo Emma, Olivia, Sophia, Ava fi Isabella.