Angawaan Tokkummaa Mootummootaa Uummata Tigraay Gargaarsi Akka Dhaqqabu Dhukaasi Akka Dhaabatu Gaafatan

  • VOA

Faayilii - Konkolaattota Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) kanneen waraana Tigraay keessatti miidhamaniif nyaata fe'anii garas imalan karaan baka sakata'aatti cufanmaan dhbatan, Waxabajjii 26, 2021

Angawaa gameessi kan Tokkummaa Mootummootaa konkolaataa midhaan nyaataa fi meeshaalee gargaarsaa ka biro siviloota miliyoonaan laka’aman kanneen Tigraay keessaa beela hamtuu fi meeshaaleen kunuunsa fayyaa isaan barbaachisu dhaqqabsiisuuf dhukaasi akka dhaabatu gaafatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Angawaan Tokkummaa Mootummootaa Uummata Tigraay Gargaarsi Akka Dhaqqabu Dhukaasi Akka Dhaabatu Gaafatan

Dhimmootii mirga namaaf itti aanaa barreessaa tokkummaa mootummootaa kan ta’an Maartiin Grigfiths daawwannaa hojii guyyoota ja’aaf Itiyoopiyaatti geggeessanii deebi’aniiru. Dhuma irrattis konkolaattonni gargaarsaa kan tokkummaa mootummootaa gara Tigraayitti socho’uu jalqabaniiru jedhan.

Torbanneen lamaaf naannoo hollaa Affaar keessatti danqamanii kan turan konkolaataa gurguddaan 178 gara konyaa dararamaa jiru deemuuf eeyamni kennameeraaf jedhn. Griffiths kana ennaan simadhu jedhan, fedhii uummata sivilii guddaa ta’e guutuuf guyyaa guyyaatti konkolaattonni fe’umsaa 100 Tigraayiin seenuu qabu.

Mootummaan Itiyoopiyaa Ebla 8 Tigraay keessatti dhukaasa gam tokkoo labse. Ergasii qabee konyaa walitti bu’iinsaan butue keessaa wal waraansi gad xiqqaachuu hubatanii jiran. Sababaa kanaaf illee dhaaboliin gargaarsaa naannolee kana dura dhaqqabuun hin danda’amne seenuu danda’aniiru jedhan.