Angawoonin Gameeyyiin Yunaayitid Istetis Daawwannaa Biyyoota Alaa Jalqabaaf Geggeessaniin Asiaa Daawwatan 

  • VOA

Faayilii- Hoogganaa Pentagon, Lloyd Austin

Ministriin dantaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Blinken fi hoogganaan Pentagon Lloyd Austin torban kana michoota Japaanii fi Kooriyaa kibbaa keessaa waliin wal arguu dhaan kan hammaataa adeeme ofitti amantaa Chaayinaa fi calliinsa Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee mari’achuuf akkasumas michummaa biyyoota paasific mirkaneessuuf jiru.

Angawoonni diplomaasummaa fi ittisaa Yunaayitid Isteetis imala isaanii har’a naannoo sanatti geggeessan ennaa jalqaban Tookiyootti kan goran yoo ta’u kunis bakka buutonni bulchiinsa Baayiden imala biyyootii alaa ennaa geggeessan kun isa jalqbaa ti.

Blinkenii fi Austin Blinken gitoota isaanii kan Jaappaan ministrii dhimma alaa Toshimitsuu fi ministrii ittisaa Nobuoo Kishii waliin roobii dhuftu gama See’oolitti utuu hin imaliin dura wal arguuf jiru.

Daawwannaaf filatamuun biyyoota lamaanii kan calaqqisu yaaddoo prezidaantiin Yunaayitis Isteetis haaraan Asia Kaaba gama bahaa ilaalchisee yaaddoo qaban jechuu dhaan taajjabdoonni hangi tokko dubbataniiru. Seoul fi Tokyoon

Waaltaa nageenyaa Yunaayitid Isteetisistti xiinxaltuun imaammataa gameettiin Patricia Kim ibsa email dhaan jimaata darbe kennaniin Blinken fi Austin yeroo jalqabaaf gara biyyootii alaatti ennaa imalan jalqaba Jaappaanii fi Kooriyaa kibbaa daawwachuun Ameerikaan michummaa biyyoota kana lamaanii akkaan barbaachuu ishee mul’isa jedhan.

Kiim akka jedhanitti See’olii fi Tookiyoon rakkoo Chaayinaa ilaalchisee jiru waliin furuu akkasumas andaara galaana Kooriyaatti nageenya buuduuf michoota murteesso dha jedhan.