Antonii Bliinkan Gara Ekuwaadoor fi Kolombiyaatti Imalanii Jiru

Ministeerrii hajaa alaa Yunaaytid Isteets Antonii Bliinkan  Robii hara’a biyya Ekuuwaaador seenan

Ministeerrii hajaa alaa Yunaaytid Isteets Antonii Bliinkan Robii hara’a biyya Ekuuwaaador keessatti haasawaa dhageesisuuf kan jiran yoo ta’u, kunis kutaa sana keessatti rakkoo Deemookraasii mudatee irratti fulleeffata.

Kanas biyya ollaa Equudoora taatee Kolombiyaatti imalanii hogganoota biyyatti waliin ituu hin dubbatiin dura ta’uun ibsamee jira.

Ministriin haajaa alaa Yunaaytid Isteetes akka beeksiiseetti haasawaan Bliinkan, imaammata hundaaf misooma argamsisuu fi qilleensa naannoo kunuunsuu attamitti hojii irra akka oolchan irratti fulleeffata.

Dhimmootii Deemookraasii fi mirga dhala namaan alattis, qiyyaafanni imala Bliinkan inni guddaan, waa’ee godaantotaa fi Bogotaa keessatti immo ministeeroota hajaa alaaa kan kutaa Sanaa waliin imaammata godaansaa irratti marii gaggeeffamuu gargaaruun gaggeessu.

Equuwaadoor dhukkuuba KOOVIID-19 ilaalchisee duula gaggeesiteef Bliinkan galateeffatanii jiru.