Magaalaa Holotaa fi Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaatti Namoonni Hedduun Hidhamuun Himame 

Faayilii - Mana hidhaa masaraa Kumsaa Morodaa keessaa, Naqamtee

Ajjeechaa Artistii beekamaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee bakkawwan hookkarri itti hin uumamiin, Godinaa Addaa Naannoo Oromiyaa, magaalaa Holotaatti namootni hedduun hidhamuu maatii hidhamtootaa keessaa dubbatanii jiran.

Haaluma wal-fakkaatuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa bakkawwan adda addaa irraa namootni 50 ol hidhamuutu himame.

Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa immoo, “namootni magaalota Oromiyaa Lixaatti sababaan qabamaniif osoo hookkara uumuuf haala mijeessanii waan irra gahameefi,” jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Magaalaa Holotaa fi Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaatti Namoonni Hedduun Hidhamuun Himame