ADAAMAA —
Lagni Awaash guutee godinaalee Oromiyaa shan keessatti namoota kuma kudhanii ol irratti miidhaa geessisuu isaa Koomishiniin Hooggansa Balaa Tasaa Oromiyaa beeksisee jira.
Your browser doesn’t support HTML5
Rakkon kana hanqisuuf yaaliin namoota bakka balaa irraa dursanii kaasuu hojjatamus lafti qonnaa hektaara dhibba tokko fi jaatamaa ol laga guutee irra baheen manca’uun himamee jira.