Ayyaanni Id Al Adahaa yookaan Arafaa waggaa kuma tokkoo fi dhibba afurii fi afurtamii lammaffaan har’a Itiyoophiyaa keessatti sirnawwan adda addaatiin kabajamee oole. Keessummaa Istaadiyeemii magaalaa Finfinnee keessatti bakka hordoftoonni amantii Islaamaa, abbootiin amantii fi keessummoonni bioroon argamanitti sirna miidhagaadhaan ayyaneffamee jira.
Ka sirnicha irratti dhaamsa dabarsan prezidaantiin Mana-maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Muftii Dursaan Hajii Umar Idiris, “ayyaanni Arafaa ayyaana waliif how’uu, kan Tokkummaa fi waloo ti,” jedhan. Tsahaay Daamxoo Finfinnee irraa gabaasaa qabdi.
Your browser doesn’t support HTML5