Bulchiinsa naannoo Oromiyaa godinaa Harargee Bahaa araddaa Abdulqaadir jedhamu keessatti gidduu kana namoonni sadii humna “Liyyuu Poolis” jedhamu ka bulchiinsa naannoo Somaaleetiin ajjeefamuu jiraattonni dubbataa jiran.
Bulchiinsi Godinaa Harargee Bahaa garuu Oromoo fi oromoo tu qabeenya lafaa irratti wal-ajjeese jedha. Jiraataan araddaa Abdulqaadir kan sodaa nageenyaaf jecha akka maqaan isaa hin himamne gaafatan akka jedhanti rakkoon daangaa kun eega jalqabamee waggaa shan guutee jira.
Sababaa “qubsuuma” jedhuun namoota bulchiinsa naannoo Somaalee irraa fidanii lafa keenya irra qubsisan jedhu jiraattonni.Kanaafis jecha lafa qotannuu dhabnee rakkataa jirra jedhan.
Bulchiinsii godina Harargee Bahaa garu Liyyu Poliis Oromiyaatti seenuun duraan jira ture amma garu hin jiru jedha.Walitti bu’iinsa duraan baratamee irratti garu hojjataa jirra jedhan.
Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa.
Your browser doesn’t support HTML5