Sababaa Dho’iinsi Baahirdaar Bakka Garaagaraatti Raawwateen Maatiin Ijoollee Isaanii Mana Barnootaatti Ergaa Hin Jiran Jedhame

  • VOA

FAAYILII - Magaala Baahirdaar, Naannoo Amaaraa

Nageenyi dhabamuun naannoo Amaaraa keessaa manneen barnootaa dhuunfaas ta’e kan mootummaa magaalaa Baahirdaar danquu isaa maatii fi barsiistonni ibsanii jiru. Maatii keessaa tokko VOAf akka himanitti magaalattii keessatti dho’iinsi wal duraa duubaa mudachuu isaan angawoonni Jimaata darbe ijoollee keenya akka mana barumsaatii fudhannu nutti himanee qabee ijoollee keenya mana barnootaatti erguu dhaabneerra jedhan.

Dhohinsi kun kan mudate mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaa Adveentistii dabalatee bakka adda addaatti ture. Hogganaan Waldaa Manneen Barnootaa Dhuunfaa magaalattii Mengeshaa Teferraa VOAf akka himanitti, manneen barnootaa banaatti jiru warri ijoollee garuu ijoollee isaanii ergaa hin jiran jedhan. Manneen barnootaa dhuunfaa 120 magaalattii keessatti argamu.

Hogganaan kutaa barnootaa magaalattii Dr.Muluaalem Abee akka jedhanitti, Jimaata Onkoloolessa 04 bara 2024 mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi 2ffaa Adventist keessatti dhohinsa mudateen booda barattoonni lamaa fi barsiisaan tokko miidhamuu isaanii ibsaniiru. Amma angawoonni nageenyaa ramadamuu isaanii ibsuu dhaan warri ijoollee isaanii gara mana barumsaatti akka deebisan waamicha dhiyeessaniiru .

Gabaasa Dilbata jechuun Onkoloolessa 06 bara 2024 baaseen, Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa qaamoleen martinuu namoota nagaa fi qabeenyaa siiviilii irratti xiyyeeffachuu irraa akka of qusatan gaafatee jira jechuu Aster Misgaanaaw Gabaasteetti.