Baankiin biyyaalessa Itiyoophiyaa Caalbaasii Sharafa Har’aa Ba’ii Isaa Ifa Godhe

  • VOA

FAAYILII - Baankii Daldalaa Itoophiyaa, Finfinnee, Aoolessa 31, 2019.

Baankiin Biyyaalessaa Itiyoopiyaa Doolaara Ameerikaa Tokko Giddu Galeessaan Birrii 107.9n Baankota Daldalaaf Gurguruu Beeksise. Baankileen caal baasicha dorgomuu fedhan doolaara hagamii akka barbaadan akkasumas meeqaan akka bitan iyyata caalbaasii irratti tuqanii dorgomuu kan danda’an ta’uu baankiin biyyaalessaa kan beeksise kaleessa ture.

Akkuma kanaan caalbaasiin sharafa alaa addaa guyyaa har’aa geggeessamuu isaa fuula miidiyaa haaasaa isaa irrtti kan beeksise baankiin biyyalessaa, baankileen 27 caal baasicha irratti hirmaataniiru jedhe. Baankileen caal baasii sana irratti hirmaatan martinuu doolaara tokko birrii 107.9n bituuf dhiyeeffatan.

Xiinxalaa dhimmi dinagdee kan ta’an obbo Shewaferraahu Shittaahun, tarkaanfii baankiin biyyaalessaa fudhate gatii sharafa alaa kaayyoo tasgabbeessuu akka qabu ibsaniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa, Maamo Mihiretuu, haaromsi dinagdee kun daldala maallaqa alaa irra caalaa gara sirna baankii-tti dabarsuu fi sharafa alaa tasgabbeessuuuf akka ta’e dubbatan.

Obbo Maamoon bu'aan caalbaasii erga labsamee booda ibsa kennaniin, torban darbe keessa garaagarummaan sharafa alaa baankii fi gabaa walfakkaatu gidduu jiru haala hiika qabuun dhiphateera jedhan.

Ibsa Baankiin Biyyaalessaa baaseen, gatii caalbaasii irratti hundaa’uu dhaan doolaara Ameerikaa baankota daldalaaf akka gurguru, akkasumas baankiin kamiyyuu maallaqa doolaaraa caalbaasii dhaaf dhiyaate keessaa dhibba irraa harka 20 ol akka hin kennine ibseera.

Gama biraan gatiin boba’aa baatii Adoolessaa keessa kan ittiin gurgurmaa tureen akka itti fufu ministeerri daldalaa fi hariiroo naannoo ibsee jira. Dhiyeessiin boba’aa guyyoota darban gad aanaa akka ture abboonni qabeenyaa dubbataniiru.

Bufaataaleen boba’aa oomisha seeraan ala walitti qabuu dhaan gatii ol kaasuu irraa akka of qusatan ministeerichi beeksisee, kana ilaalchisuu dhaan hordoffii cimaan akka taasisamu yadachiiseera. Dhimma kana ilaalchisee ministeera daldalaa fi hidhata naannoo irraa yaada argachuuf yaaliin ta’e ministricha dabalatee angawoonni waajjirichaa bilbila waan hin kaasiniif hin milkoofne. Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed dhiyeenya qaamotii dhimmi ilaallatuuf ibsa kennaniin, mootummaan durgoo boba’aa qofaaf birrii biliyoona 100 ramaduu isaa dubbatanii turan.