Baaydin Kongrasaaf Haasawaa Dhageesisuuf Jiru: Waayit Haawuus

Preezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin Ebla 28 kongrasaaf haasawaa isa jalqabaa dhageesisuuf jiru.

Guyyaan haasawaa itti dhageesiiuuf jiran kun prezidaant Baaydiin erga kakatanii waajiira qabatanii guyyaa 100 kan itti guugtuu yoo ta’u kunis prezidaantoonni aangoo eega qabatanii booda nuusa waggaa afuuritti qoodaman keessaa isa jalqabaatti bulchiinsii isaanii maal akka hojjatee akka milkeesseetu ilaalama.

Haasawaa prezidaanti Baaydin kunis mana maree bakka bu’oota uummataa keessatti kan ta’uuf jiru yoo ta’u af-yaa’iin mana maree kan ta’an Naansii Paloosii Baaydin argamanii haasawaa akka godhan Kibxata kaleessaa xalayaa afeerraa erganiif.

Xalayichiis yeroo seena qabeessa kanatti rakkoo fi carraa jiru irratti kottuu muuxannoo kee nu qoodii kan jedhu ture.

Ibsii Waayit Haawuus baasee akka jedhutti prezidaant Baaydin afeerraa kana simatanii jiru.weerara vaayrsii koronaaf jecha walgahiin kun attamitti akka gaggeeffamuu garu hin ibsamiin jira.