Baachelet ajeechaa hiriirtota irratti raawwatame balaaleffatan

  • VOA

Komiishinerii mirga namoomaa kan tokkummaa mootummootaa Misheel Baachelet (suuraa faayilii)

Komiishinerittiin mirga namoomaa kan tokkummaa mootummootaa Misheel Baachelet, erga fonqolcha mootummaa kan waraanni Onkoloolessa 25 geggeessee as yoo xiqqaate namoonni 39 humnoota naga eegumsaan ajjeefamuu balaaleffatanii jiran. Kanneen keessaa 15 kaleessa qofaa ennaa hiriirri mormii Kaartuum keessatti geggeeffame ajjeefamuun gabaasamee jira

Irra deddeebi’uu dhaan angawoota waraanaa fi naga eegumsaaf akkuma beeksisne, hiriirtota mormii irratti humna hammaa ba’aa fi hin barbaachisne fudhachuu irraa akka of qusatan irra deebinee gaafanna, hiriira kaleessaa irratti rasaasa gargaaramuun baay’ee kan nama qaanessu jedhan Bachelet.

Jamaa heddumminaan wal ga’eef hidhannoo hin qabaannetti dhukaasuun, hedduu galaafatee kaan immoo madeessuun baay’ee nama gaddisiisa, kun mul’inatti mormii dhiyaatu ukkaamsuutti kan fuuleffatee fi seera mirga namoomaa kan sadarkaa addunyaa kan cabsu jedhan komishinerittii ol aantuun kan dhimma mirga namoomaa kan tokkummaa mootummootaa Misheel Bachelet.