Qondaaltonni Somaaliyaa akka jedhanitti yoo xiqqaate godaantotni 24 irra caalaan isaanii lammiilee Somaaliyaa kan ta’an haandaara galaanaa Madagaaskaar irraa doniin erga garagalee booda du’aniiru.
Godaantonni gara 70 ta’an bidiruu lamaan fe'atanii dimalaa akka turan kan ibsan Qondaaltonni godaantotni 46 lubbuun hafaniiru jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahmed Moallim Fiqii miidiyaalee mootummaaf akka himanitti, qondaaltonni Madagaaskaar Sadaasa23 waa’ee haala gaddisiisaa Odoola Madagaskaar irraa fagaatee mudate akka isaan beeksisan himaniiru.
“Doonii sana keessaa tokko namoota 38 fe’ee kan ture yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee Somaaliyaa ta’uu isaanii amanama.inni lammataa immoo namoota 32 fe’ee kan ture yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammii Somaalee ta’uu isaanii amanaman,” jedhan Fiqiin.
Bidiruu jalqabaa keessatti namoonni 15 akka du’an, bidiruu isa kaan keessatti ammoo namoonni sagal akka du’an nutti himame jedhan.
''Hundi isaanii lammii Somaalee miti, tarii lammiileen Itiyoophiyaa isaan keessaa jiraachuu danda'a tilmaamnii jedhu jira jedhan.
Sagaleen Amerikaa taajaajilli biyyoota Gaanfa Afrikaa waajjira Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa naannoo sanaa qunnamuun taatee kana quba qabaachuu fi aanga’oota Somaaliyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibseera.
Daarektarri IOM kan Afrikaa Bahaa, Gaanfaa fi gama kibbaa Frantz Celestin odeeffannoon kun “yeroo ammaa kana hamma tokko ifa miti” aanga’oonni Maadaagaaskaar waan jiru walitti qabuuf yaalaa jiru” jedhan.
“Akka namoonni lubbuun hafan jedhanitti, sadaasa 2 bidiruun lama qarqara galaanaa Somaaliyaa irraa ka’anii gara Madagaaskaarti qajeelan. Garuu bakki isaanii dhaqan inni dhumaa Mayotte kan odoola Faransaayii natti fakkaata.Dhuma irratti yeroo Maadaagaskar ga’an namoonni lubbuun hafan 48 turan jedhan.