Abbaan Warraa Hidhaa Ba’e Biyya Baqaa Keessa Jira, Haadha warraa Isaa immoo Galaanatu Nyaate

  • Jaallannee Gammadaa

Abbaan Warraa Hidhaa Ba’e Biyya Baqaa Keessa Jira, Haadha warraa Isaa immoo Galaanatu Nyaate

Bara 2015 Saa’udii keessa jiraachuuf ehama hin qabu jedhamee biyyatti deebifame. Yeroo filannootti dhiyoo ture yeroon isaa. Bakka dhaloota isaa godinaa Harargee Bahaa dhaqee haadha warraa fuudhe. Garuu, yeroo gabaabaa keessatti hidhamee ragaan dhabamnaan gadhiifame. San booda haatii warraa barattuu waan turteef achuumatti dhiisee gara Finfinneetti ol ba’e. Achuuma Finfinnee keessaa qabamee hidhame. “Dararaa guddaan hidhaa keessatti erga na irratti rawwatamee fi baatii afur eegan hidhamee booda ragaan hakimaa haala gaarii irra hin jiru waan jedheef akkasumas ragaan tokko iyyuu waan dhibeef na gadhiisan” jedha.

Haadha warraa isaa arguuf gara godiinaa Hararagee Bahaatti hin deebiine. Dubbiin waa’ee lubbuu ofii oolchuu fi maatiin biraas hariiroo isa waliin qabaniin akka hin hidhamne gochuu waan ta’eef, kana yaadee jireenya baqaaf biyya isaa gadhisee godaane. Erga biyyaa ba’e yeroo murta’aaf sagalee haadha warraa isaa ka dhaga’aa ture ta’uu dubbata. Biyya keessattis haadha warraa isaa waan dorsiisaniif bilbiluufiinan sodaadhan ture jedhe.”Yeroo dhumaaf” baatii tokko dura Wucaalee irraa sagalee haadha warraa isaa dhaga’uu dubbata.

Doniiwwan lama kan torban darbee Bosaasoo irraa ka’anii torban dabre baqattoota galaanatti naqanii deebi’an sana keessa turte, haati warraa isaa. Achuma keessatti galaanaan nyaatamtee du’an boqotte. Yaa carraa dhala namaa! Abbaan warraa amma iyyuu maatii isaa ykn maatii haadha warraa isaa biyya keessa jiraniif bilbilee gadda isaa ibsuuf wal jajjabeesuuf rakkoo irran busa jedhe akka sodaate dubbata.

Dararaa mana hidhaa keessatti dhaqqaba jedhame kana kan ilaaleen waajiira dhimmootii Komumikeeshinii kan mootummaa Federaala Itiyoophiyaaf ministeera kan ta’an Dr. Nagarii Leencoo gaafatamanii namoonni hidhaa keessaa ba’an yeroo dubbatan sabaa himan dhaga’amaa ture jedhanii dhugumaan kannen kana gaggeessan jiraachuun ragaan mirkanoofnaan tarkaanfiin seeraa ni fudhatama jedhan. Kunis ejjennaa mootummaa isaanii ta’u ibsan.

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi kan Amaaraa keessatti Komishinni mirga dhala namaa kan mootummaa Federaalaa qorannaa gaggeessaa akka jiru kunis paarlaamaan boqonnaa irraa yeroo deebi’uu kan dhiyaatu ta’u hubachisan. Wanni namoonni hidhaa keessaa ba’an dubbatan kun achi keessa jira yoo ta’e ilaalamuuf jira jedhan.

Gabaasaa guutuu dhaggeefadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Abbaan Warraa Hidhaa Ba’e Biyya Baqaa Keessa Jira, Haadha warraa Isaa immoo Galaanatu Nyaate