Baqattonii Itiyoophiyaa Sudaaniin Seenaa Jiru

  • VOA

Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa mooraa Umra Kubaa jiran, Sudaan

Lolii Naannoo Tigraay keessa jiruu garaa naannoo Amaaratii waan babl’achaa deemeefi lammiileen Itiyoophiyaa 3000 ta’an daangaa ce’anii baqachuu isaanii hangaawonii mootummaa Sudaan himaniiru.

Hogganaa koree atattamaa mooraa baqattootaa Al Qadaariif kan ta’an Alfaatiih Mogadam Akka VOA ti himanitti baqattoonii haaraan 1058 tibbana kana galmaawaniiru.

Mooraan baqattootaa Al Qadariif waan guutee jiruuf Mootummaan Sudaan akka dafee xiyyeefannaa itti kennu kan gaafatan Alfaatiin baqatoonii harkii caalaan kan galaa jiran naannoo Amaaraa bakka naanoo Tigiraayiin wal daangessu fi naanoo Alfashaagaa bakkaa Mootummaan Sudaanii fi Itiyoophiyaa wal gaarreffatan irraa akka ta’ee himaniiru.

Akka qaamnii mootummootaa gamtoomanii dhaabanii midhaan nyaataa adduunyaa (WFP)n gabaasetti yeroo ammaa lammileen Itiyoophiyaa 60,000 ta’an baqatanii Sudaan keessa jiru.