Sababaa Hookkaraan Baqattoonni Sudaanii fi Sudaan Kibbaa Itiyoophiyaa Keessaa Bakka Turan Irraa Buqqa’uuf Dirqaman

  • VOA

FAAYILII - Namoonni kabaja guyyaa Sabaaf Sablamootaa irratti naannoo Beenishangul Gumuz irraa hirmaatan yeroo shubbisa aadaa dhiheessan, Finfinnee, Mudde 9, 2008.

Lammiilee Sudaan fi Sudaan Kibbaa 20,000 ol ta’an sababaa hookkaraatiin mooraalee baqattootaa Itiyoophiyaa kaaba gama dhiyaa keessaa baqachuuf dirqaman gargaarsa lubbuu oolchutu akkaan isaan barbaachisa.

Your browser doesn’t support HTML5

Sababaa Hookkaraan Baqattoonni Sudaanii fi Sudaan Kibbaa Itiyoophiyaa Keessaa Bakka Turan Irraa Buqqa’uuf Dirqaman

Liissaa Shilaayin Jenevaa irraa akka gabaastetti mooraan lammiiwwan Sudaan fi baqattoota Sudaan kibbaa 10,300 keessa jiraatan kan Itiyoophiyaa kaaba gama dhiyaa naannoo Benishangul Gumuz keessaa Amajjii 18 saamamuu dhaan gubatee jira.

Kun kan mudate magaalaa dhiyoo jiru Tongoo keessatti erga lolli gareelee eenyummaan isaanii hin beekamnee kanneen hidhatanii fi humnootii federaalaa gidduutti ka’een booda.

Haalli rifaasisaan kun xumura baatii muddee irra mooraa ka biroon naannoo saba jiru erga saamameen booda. Dubbi himaan komiishinera tokkummaa mootummootaa ka dhimma baqattootaa Boris Chesirov akka jedhanitti, haalli naannoo kanaa erga baatii Muddee keessa jalqaba hookkarri ka’ee qabee muddama hedduutu jira.