Weerarrii Vaayrasii Koroonaa namoota hedduu irratti dhukkuuba sammuu kan itti uumee yoo ta'u keessumaa kanneen baqattoota ta'uun biyya ofii keessaa bahan biratti haala hamaa uumee jira.
Mooraa baqattootaa baadiyyaa Keniyaa jiru keessatti namoonni sodaa fi miidhama sammuu vaayrasiin Koroonaa itti fideen rakkataa jiran gargaaruuf dhaabbattonni gargaarsaa hojjataa jiru.
Onkolooleessa 10 waggaa waggaan guyyaa itti dhibeen dhukuubonnii sammuu itti yaadatamee ooluu yoo ta'u kanuuma waliin wal qabatee gabaasa Breendaa Muliinyaa Naayrobii irraa ergite caqasaa.