Manni Murtii Federaalaa Dhimma Baqqalaa Garbaa faa Irratti Murtii Keennuu Dha Bellama Qabe

Loogoo KFO

Maastar plaanii Finfinneetin walqabatee mormiin Oromiyaa keessatti jalqabamee ji’a muraasa booda han qabamanii hidhaman hoggantoonnii fi miseensonni Kongresii Federaala Oromoo (KFO), harra mana murtiitti dhihaataniiru. Hidhamtoota bakka bu’uudhaniis Obbo Dajanee Xaafaa, itti aanaa barreessan KFO, dararaa fi dhiitaa mirga mana hidhaatti isaan irra gahuu mana murtiitti himeera.

Abbaan alangaa karaa isaatiin, iyyata hidhamtoonnii fi abukaatoon isaanii dhiheeffatan hunda manni murtti akka kuffisu gaafateera. Maastar Plaanii dahoo godhatanii hojii shororkeessumma hojjachaa turan jedhuudhan.

Obbo Dajaneen, hala isaan mana hidhaati itti qabamaa jiran dawwachuun mirgaa fi dhirqama mana murtii ta’uu tarreessee, manni murtichaa akka kana godhu gaafateera. Kana malees maatiin, ijoollen, firrii fi hiriyoonni isaanii mana murtii seenanii dhimmi isaanii hin dhaggeeffanne dhoowwaamun isaanii maalif akka ta’e ifa miti jechuudhan, akka fakkeenyatti haati isaa, maanguddoon oggaa 85 harra waan seenuu dhowwamaniif ala dhabaachuu dirqaman jedhe.

Mani murtiichaa himanna karaa lachuu erga dhaggeefatee booda, murtii kennudha Adoollessa 1, 2016 bellama kenneera.

Your browser doesn’t support HTML5

Manni Murtii Federaalaa Dhimma Baqqalaa Garbaa faa Irratti Murtii Keennuu Dha Bellama Qabe