Maatii: Obbo Baqqalaa Garbaa Akka Wabiin Gadhiifamnif Ajaja Manni Murtii Kennee Ture Dhorkaman

  • Jaallannee Gammadaa

Gaaffii fi deebii Shamarree Bontuu Baqqalaa Garbaa  waliin gaggeeffame armaan gaditti caqasaa

Kongreesa Federaalwaa Oromoof (KFO) itti aanaa dura ta’aa kan ta’an Obbo Baqqalaa Garbaa himata yakka idilee irratti dhiyaateef wabii qarshii kuma soddomaan akka gadhiifaman manni murtii waliigalaa kan federaalaa Wiixata darbee eega murteessee booda manni hidhaa qilinxoo gaaffii kaase.

Manni hidhaa Qiliinxoo akka jedhutti himannaa jalqaba obbo Baqqalaa Garbaa irratti dhiyaatee ture galmeen ittiin banamee lakkofsii isaa kan shoroorkeessummaa ta’e ituu jiru murtiin wabii qarshii kuma soddomaan akka ba’an kan itti ajajame garu yakka idilee waan ta’eef lakkofsii haa sirreeffamu ka jedhu ture.

Manni murtii waliigalaa kanaaf deebii kenneen himannaan shoroorkaa irraa kaafamuu fi yakka idileef immoo wabiin ba’uuf mirga akka qaban ibsuun xalayyaa erge.

Dhuma irratti garu Manni hidhaa Qilinxoo xalayaan ajajaa dhaddacha ijiibbaataa biraa waan nu ergameef hikuun hin dandeeyu jechuun Obbo Baqqalaaf ibsuu isaa maatiin dubbatanii jiru. Abukaatoon isaanii kan jedhan hordofnee dhiyeessina.

Gaaffii fi deebii Shamarree Bontuu Baqqalaa Garbaa waliin gaggeeffame caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Maatii: Obbo Baqqalaa Garbaa Akka Wabiin Gadhiifamnif Ajaja Manni Murtii Kennee Ture Dhorkaman