Basaasa Kompiyuutaraan Kan himatame Mootummaan Itiyoophiyaa Kana Hin gone Jedhe Jira.

Basaasa Kompiyuutaraan Kan himatame Mootummaan Itiyoophiyaa Kana Hin gone Jedhe Jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa sooftweerii basaasaa kan adda addaa gargaaramuun waan kompiyuutara keessaa qabnu hata akkasumas hariirii dhunfaan qabnu hordifa jechuun lammiwwan Itiyoophiyaa biyya alaa keessa jiraatan iyyata dhageesisuu.

Isaan kana keessaa lammummaa biyya yunaaytiid steetes kan qabu namni tokko torban kana keessa mana murtii waashingtoon keessa jiruutti himata yakkaa mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhiyeesseera.

Loondoon keessa kan jiraatan lammiin Itiyoophiyaa ka biraaniis basaasuuma internetti kana kan ilaaleen gareen Briteen keessa madheeffate Gaamaa Gruup jedhamu akka polisootaan qoratamuuf iyyatee jira

Basaasa interneetti kana Itiyoophiyaa wajjin hidhata akka qabu ragaa kan walitti qabaa ture garee kaanaadaa keessatti maadheffate sitiziin Laab jedhamu ta’uun beekamee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa garuu himata irratti dhiyaate kana ni haale.

Gabaasaa guutuu armaa gadiitti caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Basaasa Kompiyuutaraan Kan himatame Mootummaan Itiyoophiyaa Kana Hin gone Jedhe Jira.