Beeljiyeem biyya Awurooppaa Dhiyaa midhaaguma, nagaa qabaachuu fi teessoo dhaabbilee gugurdoo akka NATO,Waldaa Awurooppaa(EU) fi waan hedduu beekamtu.Biyya diqqoo namii miliyoona 11 caalaan keessa jiraatu.
Bombiin hadha teessoo mootummaa biyya sunii Biraasil diida xuyyuuraa, Zaventem keesatti nama 11 dhume.
Bombiin saatii tokkoon duubatti buufata baabura Maelbeek keessatti tokkate ammoo nama 20 fixxe jedhan.Bombiin sadeessoo ammoo adoo hin tokkahin argan.Nama sadiin balaa kanaan shakkaniin barbaaduutit jrian.
Ijjeehcaa tanaaf ISIS-ti itti gaafatama fudhate.Akka muummeen ministera Beeljiyeem Chaarles Micheel jedhetti guyyaan kun guyyaa dukkanicha.
“Guyyaan kun biyya teennatti guyyyaa dukkanicha jarana qabbanaahaa wal gargaaraa jedhee gaazexeessitotatti hime.”
Perezidaanti Obaamaalleen USA yoo muddamsuu tanatti waan Beeljiyeem feetu cufaan hinuma gargaarti jedhee Havanaa,Kuubaa waadaa gale.
Eegii Beeljiyeemitti bombiin nama fixaniin duubatti magaalii Amerikaa Jermen, Firaankiferti,London,UK,Faransaay,Paarisii fi Hollandi faati jabeessanii nagaa isaanii eegachuutti jiran.
Namii Biraasesitti bilbilaan dubbifne akkana jedhe
Your browser doesn’t support HTML5