Waggota sadi’ii fi walakkaa caalaa hidhamanii kan hiikamanii fi guyyoota saddeetii dura immoo mana isaanii magaalaa Adaamaa jiru irraa humnoota tikaa mootummaa Itiyoophiyaatiin ka fudhataman ittti-aanaa dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Garbaa, haalli itti jiran beekamuu dhabuun ka guddaa isaan yaaddesse ta’uu dubbatu – maatii fi firoonni isaanii.
Haai-warraa isaanii, Aadde Hannaa Raggaasaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf gaaffii fi deebii kennaniin, eega abbaan manaa isaanii qabamanii as, ka magaalaa Finfinnee jiru – Mana hidhaa Waaltaa Qorannaa Yakkaa Itiyoophiyaa “Maa’ikelaawii” jedhamutti nyaata deddeebisuu malee akka haga ammaatti ijaan hin argiin dubbatu. Guyyaa tokko dura immoo, dhukkubsatee gara hospitaala “Xoor Hayiloochi” jedhamuutti geessamuu oduu dhaga’uu isaanii, garuu hospitaalicha deemanii kutaalaa mara keessa barbaadanii dhabuu dubbatu. Haala inni itti jiru beekuu dhabuun hedduu kan isaan gaddisiise ta’uu ka dubbatan, Aadde Hannaan mootummaan akka seera biyyattiitti waan beekuuf mirga qabju nu beeksisuu qaba, jedhu.
Your browser doesn’t support HTML5