"Benishaangul Gumuz Keessaa Namoonni Irra-deebiin Buqqa’an Gargaarsa Barbaadu"

Tokkummaa Mootummootaatti, Waajjirri Qindeessaa Gargaarsa Namummaa kan Itoophiyaa, torban darbe keessa “namootni kuma 37 ol Naannoo Benishaangul Gumuz keessaa irra deebiin buqqa’an gargaarsa hatattamaa barbaadu,” jechuun ibsa baase.

Your browser doesn’t support HTML5

"Benishaangul Gumuz Keessaa Namoonni Irra-deebiin Buqqa’an Gargaarsa Barbaadu"

Koomishiniin Hooggansa Sodaa Balaa Naannoo Benishaangul Gumuz garuu “namni yeroo lammaffaaf buqqa’e hin jiru” jedhe. Waajjirri hooggansa Sodaa Balaa Godinaa Wallagga Lixaas, “Namni Benishaangul Gumuz irraa buqqa’ee buufata buqqaatotaa keessa jiru hin jiru” jedhee jira.

Gama kaaniin, namootni wanna jireenyaaf tahu haa hafuutii nageenya keenyaafillee wabii dhabnee ammas deebinee buqqaane jedhan. Gargaarsi hatattamaa akka isaan barbaachisu himatu.