Konfiraansii mirga namoomaa torbaan dhufu Jeneevaatti taa’amuuf jiru sababeeffachuun biyyoonni michoota gargaarsaa Itiyoophiyaa 17 waloon ibsa har’a baasaniin Itiyoophiyaan nageenya fi eegumsa uummata nagaa hojjettoota gargaarsaa dabalatee akka mirkaneessituu fi guutuu biyyatti nagaa buusuuf akka hojjettu biyyoonni Yuunaayitid Isteetsi, Yuunaayitid Kiingidamii, Gamtaa Awurooppaa, Awustiraaliyaa,Beeljiyeem, Kanaadaa, Faraansaay, Deenmaark, Jarmanii fi Itaaliin gaafatan. Akkasumas mootummaan Itiyoophiyaa gargaarsi namoota gargaarsa barbaadaniif akka dhaqqabu itti gaafatamummaa qabaachuu qaba jedhaniiru.
Biyyoonni kunneen rakkoo namoomaa Itiyoophiyaa mudateef sagantaa waadaa sadarkaa olaanaa yaa’ii Kibxata dhufu Eebila 16 bara 2024 Jeenevaatti mootummaan Itiyoophiyaa, UNOCHA fi yuunaayitid Kiingidam waliin ta’uun keessummeessan irratti akka walitti dhufanis beeksisaniiru.