Austraaliyaa, Beeljiyem, Kanaadaa, Deenmaark, Ferensaay, Jarman Iceland, Irlaand, Luxemborg, Nezelands, New Ziilaan, Norway, Sweden , Ynited Kingdom fi Yunaayitid Isteetis, komiishinni mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa fi komiishinni mirga namaa Itiyoophiyaa waloo dhaan, ennaa walitti bu’iinsa naannoo Tigraay, dhiittaa mirga namaa akkasumas seerawwan namoomaa kan sadarkaa addunyaa fi kan baqattootaa irrati dhiittawwan raawwataman adda baafachuuf qorannaa Sadaasa 3, bara 2020 hanga Waxabajjii 28, 2021 qorannaa geggeessanii ba’ii isaa ifa taasisaniif waajjiraalee kanaaf galata dhiyeessuu feena jechuu dhaan ibsa gamtaan baasaniin beeksisaniiru.
Naannowwan hanga tokko seenuu, uummata haasofsiisuuf galmeelee argachuuf qormaati guddaan mudatu iyyuu, komishinni mirga namaa kan tokkumaa mootummootaa fi kan Itiyoophiyaa hojii loogiin alaa fi ifaa ta’e geggeessuu isaaniif ni galateeffanna jedhan. s
Komiishinerittii ol aantuu Bacheleet jaarmolii gargaarsaaf daandiin ugguramuun itti fufuu isaa ilaalcisee yaaddoo qaban beeksisuu barbaanna, Miidhawwan akkasiif dararaawwanii fi dhiittaawwan mirgaaf itti gaafatamummaan jiraachuun barbaachisaa dha jedha ibsichi.
Gabaasi dhiyaate sun erga Waxabajjii 28, bara 2021 qabee qorannaan itti dabalaa fi qorannaan dhiittaa mirga namaa ilaalchisee jiru geggeessamuun barbaachisaa ta’uu illee eree jira.
Paartileen walitti bu’iinsa sana keessatti hirmaatan martinuu, ba’ii argamee fi yaadawwan dhiyaate hojii irra akka oolchan illee cimsinee jajjabeessina, kanneen dararaa fi dhiittaa mirga namaa akkasumas seera namoomaa sadarkaa addunyaa cabsuuf itti gaafatamoo ta’an murtiitti dhiaachuun barbaachisaa dha, mootummoonni Itiyoophiyaa fi Eertraa qorannaan qabatamaan geggeesamuu isaa adda baafachuu qabu jedha ibsi ministrii dhimma alaan ba’e kun.
Itiyoophiyaan sabatiinsa akka qabaattu, tokkummaa fi abbaan biyyummaa ishee akka eegamu deggersa qabnu ni mul’isna kan jedhu ibsi sun gaanfa Afriikaaf bakka bu’aa ol aanaa kan ta’an fi tokkummaa mootummootaa waliin ta’uu dhaan walitti bu’iinsi akka dhaabatuf furmaati waarinsa qabu akka argamu ni hojjenna jechuu dhaan ibsi biyyoonni armaan olitti tuqaman waloon baasan beeksisee jira.