Gaanfa Afrikaa Keessatti Ijoolleen Walakkaa Miliyoonaa tahan Nyaata Madaalawaa Dhabuun Balaa Jala Jiru

  • VOA

Kan dhiheenya Itiyoophiyaa daawwatanii deebi'an - aangawoonni UNHCR, Itiyooophiyaa keessaa, mooraa baqattootaa Doolloo-Abboo --- Keniyaa keessaa immoo, kan guddina isaa fi baqattoonni baay’ee keessatti wal-mudduun Addunyaa irratti beekame -- mooraa Dadaab deemanii turan. UNHCR-tti, hoogganaan Damee Fayyaa Uummataa -- Paul Spiegel, haala mooraa Doolloo-Abboo keessaa ennaa ibsan,baay’ee baay’ee gaddisiisaa ijaan arguu isaanii dubbatu.

“Lakkoobsi namoota du’anii ka baatii WAXABAJJII keessaa baay’ee na rifachiise” jedhu.

Gurmuu gargaarsa fayyaa “Dooktoroota Daangaan Hin Dhorkine” jehdamu irraa galmeen argames, mooraalee sana keessatti, lakkoobsi namoota hanqina nyaata madaalawaa qabanii ka baatii Waxabajjii keessaa dhibba irraa harka shantamaa ol tahuu, kanneen dhabisa nyaata madaalawaa hamaa gara du’aatti geessuu qaban immoo dhibba irraa harka digdamii jahaa fi qabxii saddeet tahuu mul’isa.

Gaanfa Afrikaa keessatti namoonni Miliyoona kudhan tahan ka caamaan miidhaman tahuu dubbate Tokkummaan Mootummotaa. .