Your browser doesn’t support HTML5
Adaamaa, teessoo mootummaa naannoo Oromiyaa ta duriiti.Oromiyaa gama Bahaatiin jirti.Finfinnee irra akm 100 fagaatti.Qooqayyee (Rift Valley) keessa qubatti.
Bokkaan eda barraaqa magaala tanatti roobe abbootii warraa 500- 600 caalan irra faca’ee qabeennaa fi manneen hedduu balleesse.
Bokkaan kun keessattuu olloota ganda 02,03,09,fi 05 keessatti lolaan guddaan dhufe.
Adoo karaa lolaan gula yaa’u bajata guddaa itti baasanii akka jiraattotii jedhanitti Adaamaan baruma baranaani rakkoon akkanaatiin hin rakkattu.
Lolaa kanaan akka jiraattotii jedhanitti keessattuu warrii mana hin qamne, ijoolleen karaa irra bultu lubbuu dhabuu hin hin oolu.
Hujii geggeessaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obboo Amaan Huseen ammoo bokkaan akkanaa kun waan ganna 50 keessatti arganii hin beennee, Adaamaan golba keessa qubattii teessumtii lafa isiitti lolaa itti fidaa jedha.
Woma taateefuu rakkoo tana koree itti dhaamnee ummataa gargaaruutti jirraa jedha obboo Amaan.
Itoophiyaatti fulaa hedduutti bokkaan roobuutti jira.Bokkaan ka sugaa, ka quufaa fi gabbinnaa isanii haa tahuu jenne!