Kibxata har’a daandii Moskoo irratti boombiin dhoo’ee Jeneeraala ajajaa Raayyaa Ittisa kan waa’ee Niwukilaraa, Baayoloojii fi Keemikaalaa Raashiyaa dabalatee namoonni lama du’uu Qondaaltonni Raashiyaa ibsanii jiru. Dhaabbatti oduu Rooyitars fi Ajaans Fraansii Prees maddeen tajaajila nageenyaa Yukireen wabeeffachuun haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa kan fudhatte Yukireen ta’uu ibsaniiru.
Dhohinsi kun kan mudate yeroo Letenaant Jeneraal Igor Kirillov fi gargaaraan isaanii gamoo mana jireenyaa Moskoo kibba baha keessaa ba’aa yeroo turanitti akka ta’e koreen qorannoo Raashiyaa ibseera. Dhaabbatti oduu Asoosheetid Prees akka jedheetti Mooskoo keessatti boombiin jeneraal Raashiyaa ajjeese sana duuba tajaajiilli Tikaa akka jiru Qondaalli Yukireen tokko dubbatanii jiru.
Jeneraalli olaanaan Raashiyaa Moskoo keessatti gamoo mana jireenyaa isaanii alatti boombii dhokfameen ajjeefame. Haleellaan kun kan raawwatame erga tajaajilli nageenyaa Yukireen himannaa yakkaa irratti baneen guyyaa tokko booda. Umriinisaanii 54 Kirillov, gocha waraana Moskoo Yukireen keessatti raawwateen Yunaaytid Kingdam fi Kanaadaa dabalatee biyyoota hedduu irraa qoqqobbii jala turan.
Wiixata kaleessaa Tajaajilli Nageenyaa Yukireen qorannoo yakkaa irratti banuun meeshaa keemikaalaa dhorkame akka fayyadamniif qajeelcha kenne jechuun himate.