Your browser doesn’t support HTML5
Adulaan itti gaafatamtoota Gadaa Booranaa olaanoo.Gosa Booranaa keessaa walti filan.Adulaa ganna hedduun duratti filanii qopheeffatan.
Fkn Adulaa fiixee Booranaa ganna 20n duubatti biyya bulchu Sadaasaa bara 2019 miilota isaa nama 5 waliin Areero Badhaasatti lallaban.
Booranii maaniif bulchoota Gadaa isaa diqqeennaan filatee lallabata?
Akka jaarroleen argaa fi dhageettii jedhanitti namii biyya bulchu waan bulchu,aadaa warra bulchuu,jiruu fi jireenna ummata sunii,dhiphuu fi bal’inna isaanii barachaa guddatan.
Tana maleellee itti gaafatamta namii tokko qabu cufa barachaa itti guddatan. Jarii kun raaba, kuusa, doorii, gadaa tahaa oli guddachaa dhufa.
Gaafa Gadaa taheeyyuu nama biyya bulchuuf kurfaahe.Aduloota,bulchoota Booranaa dhiyoo ardaa Areeroo, Badhaasaatti lallaban tanaaf Boorana bal’aatti walti bahe jedha jaarsii argaa fi dhageettii Dr. Borbor Bulee.
“Lallaba Adulaa Booranaa baranaa namii dhufe haga hin qabu kuma 10 hinuma taha seha.”
Adulaa yoo lallaban Baqqalaa-Faajjii dhaabaniif.Baqqalaa-Faajjiin alaabaa Gadaa Booranaati.Baqqalaan diimaa, Faajjiin adii.Diimaan ka abbaa gadaa(Adulaa Fiixeetiti,adiin ka abbootii Gadaa hafaniiti.
Lallabaa baranaa nama kuma hedduutti itti dhufee guyyaa sirbaa fi gammachuu akka akkaa keessa oolanii bulan.
Haawwanii fi abbootiin ijoollee faarsan. Sirba waliin faarsaniin keessaa tokko Mokkee.
Boorannii warra biyya bulchuu fedhu akkamiin wal dorgomsiifata?
Abbaan ilmaan isaa biyya bulchuu dandaha jedhee gosaa fi biyyatti himatee hayyuma dhawataaf,jabeenna isaa himaaf.
Ilma abbaa hin qamne yoo innii abbaa Gadaa tahuu fedhu abbaa qabaachuullee baatu gosa qaba.Innii ilma gosaati.Gosatti hayyooma,adulaa ykn galatan fedhataaf.
Dorgommii Adulaa ykn Abbootii Gadaa tahufu dorgoman maqaan,galata fedhachu jedhan.
Warrii gosa cufaa keessaa walti filatanii glata fedhatu kun hayyuma walti dhawachaa, laafinnaa fi jabeennaa wal buusaa abbaan gochii fudhatte lallaba gosaa dhaqa. Barana nama 8ti walti hafe 6 keessaa filanii lallaban.Maqaan jarii jahaa walti qabu,Adulaa.
1.Halakee Mallciha Halakee (Adulaa Fiixee,Abbaa Gadaa Boorana cufaa)
2.Soraa Jaarsoo
3.Goljoo Iddoo Galgaloo (Abbaa Gadaa Gadaa Hawaxxuu)
4.Boruu Halakee
5.Borbor Jaldeessa Borbor (Abbaa Gadaa Koonnituu)
6.Gaayoo Kusaa
Nama lallaban abbootii isaanii bira naqanii gumiin mirgaa fi bitaan marsitee eebbifti.
“Yoo ebelu hayyuu gaaraa…!ebelu hayyuu gaaraa…. !jedhan gumiin ammo Gaaromi!…Gaaromi! jechaa eebbifti,” jedha hayyuun seenaa Dr., Borbor Bulee.
Guyyaa lallabaa sun adulaa jahaaniifuu galma haaraa jaaran. Adulaa lallabanii Baqqalaa-Faajjii bira dhaabaniif.
Baqqalaa-Faajii kana karra moonaa loonii dura dhaaban. Ijoolleen lallaban ammoo fuula gara aduun baatuun,Ila Boruu deebifatan.
“Fuula Ila Boruutti deebifatanii dhaabachuun humnitii haarettiin biyya bulchitu, mootummaan haaressii dhufee jechuu.”
Namii dhiyoo lallaban bara 2039 keessa Abbaa Gadaa Booranaa tahu, Halakee Mallicha Halakee jabeenna isaa,waan maatiin isaa biyyaaf tahe,jabeenna gosaa isaatii fi waan hedduun faarsan.
Adulaa Boranaa ardaa akka Dambii, Guutoo, Badhaasaa faatti lallaban.
Ganna saddeet-saddeeti yoo adulaa lallaban namii akkuma kana walti dhufa.Akka Dr. Borbor jedhetti nama kuma 10 tahutti barana qophii tanaa walti dhufe.
Waan jarii nyaatee dhugu gosatti baasaaf. Baraba birrii miliyoona tokko walti guuraniif jedhan.
Booranii kora kana irratti dhiphuu fi balinna ufii waan hedduu wal mari’ata.Warra ganna 8n duuba adulaa Booranaa tahuuf dorgomu haaraa dhibiillee achi irratti himan.
Halakee Mallichaa bara 2039 keessa Abbaa Gadaa Booranaa tahu kun amma nama ganna 13 ganna 8 duubatti niitii fuudha.
Ganna 16n duubatti Doorii taha,ganna 20n duubatti ammoo miiloti isaa waliin Gadaa taha.
Ijoollee amma adulaa taate tana qaraa Gulantaa abbaa gadaa irratti eebisan.
Yoo lallaban gaaddisa muka ka akka Dambii, Dhaddacha, Canaa fa jalatti yoo tokko tokko ammo coqorsaan eebbisan ka jedhulleen hinma jira.Jila Adulaan lallaban tanaan Goodiyyaa jedhan.
Gadaa Oromootii fi siyaasaa Amerikaa waan hedduun wal fakkeessa? Oromoon ganna saddeeti 8tti baallii wal irraa fuuti.Amerikaalleen ganna saddeettti pirezidaantii fialtti.Booranii yoo cufa ganna 8tti ji’a Sadaasaa keessa adulaa,bulchoota haaraa lallabata.
Amerikaalleen yomma cufaa ganna 8tti Sadaasaa keessa pirezidaantii filatti.Gadaa Oromootii fi Siyaasaan Amerikaa waan hedduun wal fakkaatti. Dhaabii Barnoota,Saaynisii fi Aadaa Tokkummaa Mootummootaa,UNESCO, Gadaan Oromoo waan addunyaa barnoota jabaa tahaa jedhee bara 2016 keessa mirkanseef.
Gadaan Booranaa sadii gosa Booranaa keessaa walti dhufan.
- Harboora
- Koonnitu
- Hawaxa
Oromoon akkanuma jechaa waluma irraa fuudhaa bara kuma hedduu gadaan wal bulchaa asi gahe.
Boorannii akka kanaan gadaa wal irraa hin citin abbaa gadaa 72 lallabatee ufiin bulche. https://www.voaafaanoromoo.com/a/abbaan-gadaa-booranaa-71essoo-kura-ajaarsoo-ya-baallii-fuudhe/3749793.html
Dr., Borbor Bulee jaarsa argaa fi dhageettiiti.Tanumaan doktorummaallee argate. Nama akka porofeeser Asmeroom Leggesee(PhD) fi hedduutti waan Gadaa isa irraa baratee PhD argateenii kitaabaan barreesse.
“Gadaan Booranaa mootummaa hin tuxxuu mootummaallee Gadaa tuquu hin mallee wal hanqachuu malan,”
Jaarsii aadaa Oromoo barreessuun beekan,porofessor Asmerom Leggesee bara 1960 keessa gaafa yuniversiti bahe warqata qorannoo barreeffachuuf Boorana dhaqe. Silaa haguma diqqaa tokko turaa jedhee dhaqee akka Booranii wal bulchu argee ganna 10 keessa taa’e jedhe.
Achumaan kitaaba hedduu barreesse.Akka yuniversitiin Oromiyaa Gadaa Oromoo barsiiftu tolchuuf kitaaba isaa kuma oli yuniversiti qoode.
Yuniversitiin Finfinneelleen nama dansooma gadaa Oromoo barreessuun addunaatti gurrii baheef kana doktorummaa ulfinnaa kenniteef. https://www.voaafaanoromoo.com/a/4708147.html