Bulchiinsii Naannoo Amaaraa Duula Waraanaaf Birmannaa Gaafatee Jira

  • VOA

Prezidaantii Bulchiinsa Naannoo Amaaraa, Obbo Ageenyeehu Tashaagar

Bulchiinsii naannoo Amaaraa, dargaggonni naannichaa looltoota Tigraay kanneen waraana moootummaa Fedeeraalaa fi kan bulchiinsa naannoo salganii waraana irratti akka meeshaa kaasuuf gaafatee jira.

Looltoota Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) irratti duullii wamamee kun waraanni Amaaraa akka jedhutti, yeroo ammaa bulchiinsa naannoo Amaaraa haleelamaa akka jiruu fi wal waraansa baatii saddeetiif gaggaaeeffanaa turee Itiyoophiyaa keessatti tasgabii dhabiinsa babal’isaa jiru jedhee jira.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa Dargaggoota, Misiishaa, akkasumas milishaa kan hin ta’iin, kanneen meeshaa waraa mootummaa kam iyyu hidhatan akkasumas kanneen meeshaa dhunfaa hidhatan duula waraanaa TPLF irratti gaggeefamu kanatti akka dabalamtan nan gaafadha jechuun prezidaantiin bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Ageenyeehu Tashaagar dubbachuu isaanii midiiyaa mootummaa bulchiinsa naannoo Amaaraa ibsanii jiru.

Dubbi himaan ABUT (TPLF) Geetaachoo Raddaa kana irratti yaada akka kennan gochuuf yaaliin gaggeeffame hin milkoofne.