Bulchiisi Joo Baayiden Maallaqa Harkaa Isaa Jiru Hojii Irra Oolchuuf Hariifachaa Akka Jiru Ibsame

  • VOA

PPirezdaant Joo Baayide fi hoggantoota kaan, Waashingitan, Onk. 1, 2024.

Haanga’onni bulchiinsa Joo Bayiden ittu aangoo gaddi hin lakisiin dura maallaqa mootummaa irraa ramadamee ittu hojii irra hin ooliin jiru bakka baka qabsiisuudhaaf hariitidhaan hojachaa akka jiran ibsameera.

Maalaaqa Kanaan duraa kongreesiidhaan raga’ee harka mootummaa jiru biiliyoonaan lakkawamu akkaataa gargaarsaa fi bittaawaan adda addaa raawachuudhaan itti fayyadamuun akka barbaachisu kan ibsan ministirrii geejibaa bulchiisaa Joo Baayidenii fi hogganaan koree ce’uumsaa aangoo Peet Butijaaaj ibsa kennaniin akka jedhaniirtti, bulchiisi Bayideen maallaqaa kongreesiidhaan ramadameef faayidaa irraa olchuun itti gaafatamummaa isaati jedhaniiru.

Ministirrii geejibaa Peet Butijaaj, Jimaata har’aa akka beeksisanitti, mallaaqaa harka bulchiinsa Baayideen irra jiru keessaa doolaara biiliyoonii 3.4 hojiiwwan baaburaa geejiba ummataa fi buufatalee doonii fooyeesuudhaaf, akkasumas sababbawwan du’a daandii irraa hirdhisuuf sochii taasifamu gargaaruuf akka oolu murteesuu isaanii beeksisaniiru.

Ministeerri haniisaa gamma isaatiin, dhaabataa hojii konkola’ataa Elektriikaa hojjatuuf kuutaa Michigaan keessatti argamuuf doolaara miiliyoona 500 fi miiliyoona 44 liqiidhaan kennuudhaaf murteesuu isaa beeksiseera. Bulchiinsii Joo Baayiden doolaara biiliyoonii 7.1 meeshaa waraanaatiif ramadamee amma ammatti hereegaa qusannaa ministeraa Itisaa keessaa jiru bakka bakka qabsiisuudhaaf hartiidhaan hojjachaa akka jirus beekameera.

Dhaabbanii eegumasa naannoo bulchiinsa Baayidenis dhaabilee naannoo kanneen hojii bishaanii irratti bobba’an gargaaruuf doolaara biiliyoona Sadii hojii irraa oolchuuf akka murteesse beeksisuun isaa gabaasameera. Bulchiinsii Baayiden Seera bu’uuraalee misoomaa jalatti kan ramadee doolarrii Triliioniin tokko fi seeraa eguumsaa naannoo jalatti kan ramadamee doolaarii biiliyoonii 300 fi biiliyoonii 75 bulchiinsaa itti anu keessattis akka hojii irra oolu abdii isaa ibsee jira.

Bulchiinsii Baayiden kan tarkaanfii kana fudhachuuf murteesse, filannoo bara kanaa kan moo’anii anngoo prezidaantummaa qabachuuf qophaawaa jiran Doonaald Traamp, maallaqaa dhimmaa eegumsaa naannnoo, dhiimaa seeraa fayyaa fi projektootaa misooma haniisa qulquluutiif ramadamee hojii irraa hin olee haquudhaaf akka deeman erga ibsanii booda akka ta’e maddi oduu Assooshiyeetid Press gabaaseera.