Godina Baalee keessatti naannoo gammojjii if daangaa irraa sababaa walitti bu’iinsa daangaatiin kan ka’e haleellaa Liyyuu polisii bulchiinsa naannoo Somaalee dheessuun yeroo ammaa Raayituu, Daawwee Qaachan, madda Walaabuu, Daawwee Sarar fi addallee keessatti jiraattonni qubatan rakkoo jabaa keessa akka jiran ibsamee jira.
Gama kaaniin Oromoon wucaalee Somaaliilaand irraa ari’amanii ba’uun gara Itiyoophiyaa seenan keessaa kanneen 300 ta’an godina Baalee keessa qubatanii jiru. Isaanis rakkoo guddaa keessa jirra jedhu.
Bulchiinsii godina Baalee rakkoon akka mudatee ibsuun gama gargaarsa dhaqqabsisuun yaalii humnii eyyame kennamaa jira jedha.Oromoon kam iyyu birmachuu akka qabu hubachisanii jiru.
Gabaasa Kutaa 1ffaa Caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5