Traamp Irratti Mormiin Dhaga’amu Cimee Jira

  • VOA

Hiriira farra ol aantummaa warra adii magaalaalee Ameerikaa Keessatti geggeessame

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamp hokkara sanyii hundee godhatee torban darbee magaalaa charlasville kan kutaa Varjiniyaa keessatti gaggeeffamee lubbuu namaa galaafateef gurmuu olaantummaa adiitti cichanii fi gurmuu isaan akkasii mormu wal qixxee balaaleeffachuu isaanitiif mormiin irratti ka’e hammaachaa jira. Hasawaan prezidaantichaa kun gurmuu gorsitoota daldalaa irratti daafoo geesiseen kanneen aangoo sadarkaa olaanaa irra jiran hedduun aangoo gadhiisan.

Traamp Robii darbe akka ibsantti hogganoonni gurmuu gorsiitoota daldalaa ka sadarkaa olaanaa aangoo waan gadhisaniif jecha kanneen daldala irratti bobba’an irratti dhiibbaa gochuu mannaa jedheen gurmuu sana diige jechuun twitarii irratti barreesse. Qabsaa’oota mirga dhala namaa kan Amerikaa fi biyyoota Awuroopaa kan akka Yunaaytid Kiingdam fi Jarmanii irraas mormii cimaatu Traampiin mudataa jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa