Itiyoophiyaan Jireenya Dubartootaa Irratti Jijjirama Guddaa Argamsiifte - Klintoon Faawundeeshiin.

  • VOA

Itiyoophiyaan Jireenya Dubartootaa Irratti Jijjirama Guddaa Argamsiifte - Klintoon Faawundeeshiin.

Jaarmayaan gargaarsaa Kliinton Gloobaal Faawundeeshin jedhamu walgahii isaa kan waggaa torban darbe magaa Neew Yoork keessatti gaggeessee jira.Walgahii kana irratti bakka buutonni guutummaa adduyaa irraa dhufan argamanii jiru.Mariin adda addaa mata duree hedduu irratti kan gaggeeffame yoo ta’u hirmaatyonni muxannoo hojii qaban kan ilaaleen yaada wal jijjiranii jiru.

Itiyoophiyaa irraa Ministrii haajaa alaa kan ta’an Dr. Tedroos Adhaanoom irratti argamanii jiru.Itiyoophiyaan Dubartonni qabeenya lafa argatanii hojii qonnaa akka gaggeeffatan gochuun akkasuma dinagdee isaanii jajjabeesite jechuun jaarmayaan kun faarsee jira.

Kana malees dubartootaaf tajaajiila eegumsa fayyaa akkasumas carraa barnootaa akka argatan gochuun hojii guddaa gaggeesite jechuun kan dubbatan itti aantuu dura teessuu jaarmayichaa Chalsii Kliinton turan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa