Daa’imman Somaaliyaa hanqina midhaan nyaatatiif saaxilamanii jiru

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Somaliyaa keessatti rakkina hongee irraa kan ka’e waan hanqinni midhaan nyaataa umameef daa’imman Miiliyoonii 1. 4 dhabiinsa nyaataa gahaatiin kan ka’e midhaamaa akka jiran ibsameera.

Qorannoon dhimma wabii midhaan nyaataa Somaliyaa ilaalchisee tibbana bahe akka muldhisutti daa’imman umuriin isaanii wagaa shanii gadi ta’e 329, 500 bara kana keessaa midhaan qaama isaanii jabeessu dhabuudhaan midhaan hamaan irra gahuu danda’a.

Lakkoofsii daa’immanii yeroo ammaa mul’achaa jiru kan waggoottan darbanii caalaa akka ta’e kan himan bakka buutuun UNICEF Anjelaa Kiirney tarkaanfiin atattamaa fudhatamuu baannan daa’iman kumaatamaan lakkawaman du’uu danda’u.

Waggoottan sadan darbaniif waan robin hinturreef keessumaa horsiiseebultoonni biyyatti ofii isaaniitiifs ta’e horii isaaniitiif bishaan arggachuu waan hin dandeenyeef qe’ee isaanii dhisanii godaanuudhaaf dirqisifamaniiru. Kunimmoo lakkoof namoottan Kanaan duraa walwaraansaa baqatanii jireenyaa isaanii irra buqqa’an miiliyoonii 2.9 irratti dabalata kan ta’uudha.

Lubbuu daa’iman kanaa baraaruudhaaf midhaan nyaataaf qophaa’aa ta’e kaartoonii 104,000 dhiheesuudhaaf gargaarsaa Doolaara miiliyoonii torbaa amma ji’a bitootessaa 2022 ti akka isa barbaachisu Dhaabanii dhimma gargaarasa daa’imanii (UNICEF) gaafachuun isaa gabaasameera.