Daangaa Polaanditti Baqachuun Itti Fufee Jira  

  • VOA

Daangaa Polaanditti Baqachuun Itti Fufee Jira

Raashaan Yukreeniin erga weerartee torban tokko keessatti, Lammiwwan Yukreen Miliyoona tokko caalaatu dheessee biyyatti keessaa ba’e jechuun Tokkummaan Mootummootaa gabaasee jira.

Baqattonni hedduun karaa daangaa Yukreenii fi polaand kan ba’an yoo ta’u, hatattamaan dheesuuf ennaa murteessan sa’atii dhumaa irratti uffata hanga tokkoo fi mi’a qaban keessaa kan yaadannoof ta’u qofa of harkaa qabu.

Lammiwwan Yukreeen kanneen haleellaa misaa’eelaa fo mortaaraa jalaa dheessan magaala biyyatti gama dhiyaa Leviiv bakka dahannaa guddaa ta’eefii jira.

Dubartootaa fi ijoollee manaa ba’anii kan dheessan yoo ta’u, abbootiin manaa, ilmaa fi abbaan waraanuuf achuumatti hafan.

Kanneen lafa buufatan hin qabne keessaa Kaaleeb Poiitar Ripaablikii Kongoo irraa barnootaaf Odeessaa Yukreen keessa kan ture yoo ta’u hiriyyaa isaa durbaa lammii Yukreen taate waliin dheesse.

Polaand seenuu keenya dura Torban tokkoof daangaa irra cisaa turre. Amma gaarii jirra. Polaand keessatti simannaa gaarii arganneerra jechuu nan danda’aama. Biyya Awuroopaa biroo deemuuf Awutoobuusa eegaa jirra.Tarii Faransaayii ta’u mala.

Namoonni biyyoota hedduu naannoo daangaa dhaquun, gargaarsa nyaataa, uffataa fi dahannaa akkasumas kokolaataan lafa baqattonni dhaqqabuu fedhan geessaa jiru.