Daarfuur Dhiyaa Keessatti Hokkarri Dhaqqabe Namoota Kuma Heedduu Godaansisee Jira

  • VOA

Sudaan Daarfuur

Daarfuur dhiyaa magaala Kreeniki keessatti Jimaata dabree hokkara ka’e uummata kuma kurna hedduu godaansisee jira.

Magaalaaleen Daarfuur dhiyaa keessaa ijii keenya ituu arguu gubatan hawwasii achii turees midhaan irra ga’e jedhu kanneen ijaan argan.Hokkarri lubbuu namaa galaafatuu akkasii dhaabachuu qaba jedhan kaawunsilii baqattootaa kan Noorweey isa Sudaan keessa jiruuf Daayreekteera kan ta’an Wiil Kaartar.

Wal waraansa magaala Kreeinik keessatti gaggeeffameen maatii hedduun miidhaman kun duraanis hokkara ka’een kanneen godaanan turan.Hedduun isaanii manni isaanii gaafa gubamuu baatii 5 dura kan argan yoo ta’u mooraa keessatti galanii jiraatu.

Hokkarri kun magaalattii kana bira darbee magaala guddoo Daarfuur dhiyaa dhaqqaba yaaddoo jedhu kan qabu dhaabatii Noorweey kun magaalattiin yeroo ammaa baqattoota kuma 100 keessummeessaa jirti jedha.Heedduun isaanii Dunkaana keessa jiraatu.

Guyyootii dhiyeenya kanaa keessa Muddamsii hammaataa yeroo jiru kanatti sagaleen qawwee dhaga’amuun maatiin dheessanii jiran kun rifatanii nagaa barbaacha ammas iddoo biraatti akka dheessan taasisaa jira.