Dargaggoota magaalaa Finfinnee kuma sadi’ii ol tahan, jechaa dursaa ”Itiyoophiyaa baraaruuf nan duula,” jedhuun, raayyaa ittisa Itiyoophiyaatti dabalamuuf qophaa’aniif sagantaan geggeessaa taasisameefii jira.
Kan dargaggoota kana geggeessan gootota abbootii, aangawoota ol’aanoo bulchiinsa magaalattii fi jiraattota yoo tahu, ka sirnicha geggeessaa irratti argamuun dubbatan ministarri Ittisaa Itiyoophiyaa, Dooktor Qana’aa Yaadataa, “duultonni diina injifatanii deebi’u,” jedhanii jiran.
Qarshii miliyoona tokkoo olitti ka tilmaamamu maallaqni jiraattotaa fi abboota qabeenyaa irraa walitti guurame immoo deggersa raayyaa ittisaaf akka oolfamu ka dubbatan, kantiibaan magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanech Abeebee, gargaarsicha ministaricha ittisaa, Dr. Qana’aa Yaadataatti kennanii jiran. Tsahaay Daamxoo, Finfinnee irraa gabaasaa qabdi.
Your browser doesn’t support HTML5