Haleellaan Boombii Sagantaa Deeggarsaa Dr. Abiyyi Irratti Godhame Lubbuu Namootaa Galaafate. An madaahee namoota 115

Ethiopians attend a rally in suppor

Sagantaa deeggarsa Dr. Abiyyii Finfinneetti harra qophaahe irratti dboombii harkaa darbatameen lubbuun namoota darbuu fi namoonni 115 ta’an madaahuun koomishiniin poolisii Finfinnee beeksise.

“Meeshaan dhoofame boombii hookan fanjii ta’u mala, bakki itti raawwatame immoo waltajjii Dr. Abiyyi irra turan irraa meetirii 30 hoo fagaatee,” an jedhe gabaasaan VOA achitti argame Iskindir Fireew boodarra waltajii irratti dhiigaa fi kobeewwan namoonni gatanii baqatan arguu dhugaa baheera.

support of the new Prime Minister Abiy Ahmed in Addis Ababa

Muummichi ministiraa Dr. Abiyyi haleella gahe booda karaa Televiziyoonaa ergaa ummataaf dabarsaniin “Warri kana yaadan in milkoofne. Nageenyi biyya keenyarratti jalqabame roobuu ittuma fufa,” jechuudhan namoonni gochaa kana godhan warra leenjii fi muuxannoo qaban, fooyya’insa biyya keessatti mullateen inaafan jechuudhan dubbatan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Haleellaan Boombii Sagantaa Deeggarsaa Dr. Abiyyi Irratti Godhame Lubbuu Galaafate, Namoonni 115 Madaahaniiru

Your browser doesn’t support HTML5

Sagantaa Deeggarsaa Dr. Abiyyii Irratti Haleellaan Dhoohinsaa Lubbuu Galaafate

Muummeen ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad ibsa miidiyaa biyya keessaa irratti kennaniin haleellaa dhaqabeen lubbun nama badeera jechuun in yaadatama. Koomishinarri Koomishinii Poolisii Federaalaa VOA-f ibsa waaree booda kennaniin namni du'e akka in jirre himaniiru.